Biiroo Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Oromia Job Creation and Vocational Bureau

Angoo fi gahee mana hojichaa

  •  Misooma interpiraayizoota maa­yikiroo, xixiqqaa fi giddugalees­saa damee maanufaakchariingii irrat­ti kutaalee hawaasaa bobba’an ni deeggara; carraa hojii naannicha keessatti akka uumamu ni taasisa; ni deeggara; ni to’ata;
  • Hojii dhabeeyyii naannichaa hojii uummachuu ir­ratti bal’inaan akka bobba’an hubannoo ni uuma; deeggarsa leenjii, iddoo hojii, liqii, walitti hidhami­insa gabaa, gorsaafi odeeffannoo akka argatan haala ni mijeessa;
  • Interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa seektara adda addaa ak­kasumas interpiraayizoota xix­iqqaafi giddugaleessa seektara maanufaakchariingii dorgomaa, guddina itti fufiinsa qabuufi misooma industiriitiif bu’uura cimaa akka buusuu danda’aniif paakeejii deeggarsaa ni qopheessa; ni qindeessa; ni raaw­wachiisa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  • Naannicha keessatti carraa ho­jii uumuufi interpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa adda add­aafi interpiraayizoota xixiqqaa­fi giddugaleessaa damee maan­ufaakchariingiitiif dhimmoota misoomaafi dorgomtummaa isaanii irratti hudhaa ta’an qo’an­noon adda baasee furmaata ni kenna;
  • Naannicha keessatti qaamol­ee fi dhaabbilee sadarkaa sadarkaan hojiilee misooma interpiraayizotaa gargaaraniifi qindeessan paakeejii deeggarsa dandeettii raawwachissummaa isaanii cim­su ni qopheessa; ni raawwata; ni raawwachiisa;
  • Saxaxa sonaa dabaluuf kan gar­gaaran hordofuun misooma inter­piraayzoota maaykiroofi xixiqqaaf fedhii isaanii bu’uura godhachuudhaan dhaab­bilee deeggarsaa leenjii, faayinaan­sii, teknolojiifi tajaajila gorsaa dhi­yeessan ni qindeessa;
  • Ilaalcha dogoggoraa hojii uumuu irratti hawaasa keessatti mul’atu jijjiiruuf sirna ittiin rakkinichi furamu ni qorata; qaama dhim­mi ilaaluuf dhiyeessuun yammuu mirkanaa’u hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; leenjiiwwan hubannoo uumuufi cimsuu danda’an ni ken­na; akka kennamu ni taasisa;
  • Interpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa damee isaaniitiin wal­daadhaan akka gurmaa’an deeg­garuudhaan walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa irraa fayyada­moo akka ta’an ni deeggara;
  • Muuxannowwan gaggaarii industi­riifi interpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa irratti jiran qo’annoon adda baasuun qindeessuudhaan akka babal’atan ni taasisa; kan­neen wal fakkaatan waliin walitti hidhamiinsi akka jiraatu ni hojjata;
  • Gahee misooma interpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa akka gudda­tuufi misoomni ariifachiisaan akka mirkanaa’u, abbootiin qabeenyaa baay’inaan akka horataman, qaama raawwattootaa misooma interpiraayizoota maa­yikiroofi xixiqqaafi qooda fudhat­toota waliin ni hojjata;
  • Qabeenya uumamaa naannichaa misooma interpiraayizoota maa­yikiroofi xixiqqaaf ooluu danda’anii fi carraa hojii Naannicha keessa jiru adda baasuu irratti qaama dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; bu’aa qorannichaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu hayyama­mu hojiirra akka oolu ni taasisa;
  • Lammiilee hojii dhabeeyyii naannichaa carraa hojii naannicha keessatti uumamuuf ak­kaataa fedhii isaaniitiin, seera dal­dalaafi waldaa hojii gamtaa irratti hundaa’uun dhuunfaan yookiin waldaadhaan ni gurmeessa; hayya­ma daldalaafi qaama seerummaa akka argatan ni taasisa;
  • Interpiraayizota maayikiroofi xix­iqqaa eebbifamtoota Yunivarisitii, Koollejjoota, Koollejjoota Poolii­teekinikaafi sadarkaa adda addaatti baratanii xumuraniifi akkasumas addaan kutanii hojii dhabeeyyii ta’aniin hundeffamaniif dhaabbilee dhiyeessa faayinaansiifi dhiyeessa meeshaalee liizii waliin ta’uun haa­la tajaajilaa, liqii, maashiniifi tajaa­jila ekisteenshinii guutuu itti argatan ni mijeessa;
  • Wiirtulee kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo ni gurmeessa; ni cimsa; sirna fooyya’aafi haaraa tajaajiloota si’aay­ina qabu kennuu dandeessisu ni di­riirsa; humna wiirtuulee ni ijaara;
  • Hojimaata interpiraayizonni maa­yikiroofi xixiqqaa damee adda addaafi interpiraayizoota xixiqqa­afi giddugaleessaa damee maan­ufaakchariingii itti galmaa’an, gurmaa’an, waraqaa ragaa qaama seerummaa itti argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  • Interpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaaf gorsa qabiinsa herregaa­fi tajaajila odiitii akka argatan dee­ggarsa ni taasisa; herrega isaanii ni qorata; akka qoratamu ni taa­sisa; raawwiifi qabiinsa qabeenya isaanii irratti hojii inispeekshinii ni gaggeessa; tarkaanfii sir­reeffamaa ni fudhata;
  • Manni Maree carraa hojii uumuu sadarkaa hundatti akka hun­deeffamu ni taasisa; hojii mana marichaa ni qindeessa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
  • Interpiraayizii maayikiroofi xixiqqaa sadarkaa guddina isaanii eeguun gara jalqabaa, guddattuufi ga’eessatti akka ce’an ni taasisa; waraqaa ragaa ni kenna; ragaalee isaanii adda baas­ee ni qabata; deeggarsa sadarkaa isaa eeggate ni kenna;
  • Aadaa hojii hawaasaa foyyessuufi ogummaafi beekumsa naatoo walitti qabuun misoomsuuf akka tolu giddigala leenjii interpruunarshippiifi giddugala misooma industrii godoo (Cottage industry) ni hundeessa
  • Naannicha keessatti interpraayizotni manufakcharingii xixiqqa­an fi giddugaleessaa akka babal’ataniifi ce’umsi diinag­dee gara industiriitti taasifamu akka saffisuuf ni hojjata; dhim­moota misooma indastirii saffisi­isuuf gargaaran qorachuun haa­lawwan mijaawaan akka uumamu ni taasisa;
  • Gahumsaafi oomishtummaa misooma interpiraayizii manufakcharingii cimsuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; humna namaa leenjii gid­dugaleessaa qabu akka argataniif haala ni mijeessa; 
  • Qaama dhimma qulqullinaafi istaandaardii oomishaalee ilaalu waliin ta’uun interpiraayizoota qulqullina oomisha isaaniitiif waraqaa ragaa mirkaneessa sadarkaa qulqullina oomishaa akka argatan ni hojjata.
  • Kaawunsiliifi Boordiin barnoota leenjii teknikaafi ogummaa akka hundeeffamu haala ni mijeessa;
  • Imaammataa tarsiimoofi seerota jiran giddugaleessa godhachuun ulaagaa leenjifamtootni itti simat­aman ni qopheessa; qaama hoji­irra oolchuuf ni dabarsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  • Wiirtulee babal’ina teknolojii baadiyyaafi dhaabbilee barnoota leenjii teeknikaafi ogummaa qin­deessuun hojii misooma inter­piraayizii maayikiroofi xixiqqaa akka deeggaran ni taasisa;
  • Barnootni leenjii teknikaafi ogum­maa haala guddina hawaas-di­inagdeefi fedhii humna namaa leenji’ee naannichi barbaaduun akka walsimu qo’annoo fedhii gabaa hojii ni gaggeessa; leenjiin dhaabbilee barnootaa tekinikaa­fi ogummaa dhaabbilee hunda keessatti kennamus fedhii gabaa irratti akka hundaa’u ni taasisa; ni hordofa;
  • Qorannoo irratti hundaa’uun kollejjonni barnoota leenjii teek­nikaafi kollejjii poolii tekinikii fedhii humna nama leenji’ee gab­aa irratti barbaadamu irratti hun­daa’uun akka hundeeffaman ni taasisa; ni bulcha; gurmaa’insaafi bulchiinsa isaanii ni fooyyessa;
  • Baajataafi qabeenyi kollejjota bar­noota leenjii teeknikaafi ogum­maaf barbaachisu baajata Aa­naaleefi Bulchiinsa Magaalotaa irratti qabamee hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwiin isaa qajeelfa­ma bahuun kan murtaa’u ta’a;
  • Sagantaaleen barnoota leenjii teeknikaafi ogummaa naannichaa sadarkaa gahumsaafi qulqullinaa biyyaalessaa eeggachuun gag­geeffamaa jiraachuu isaanii ni mir­kaneessa; iddoo hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
  • Qorannoo irratti hundaa’uun dhaabbilee barnoota leenjii teknikaa, akkasumas sagantaalee leenjii haaraa ni bana; kanneen hin barbaachisne ni cufa;
  • Qorannoo leenjiin boodaa ni gaggeessaa; akka gaggeeffamu ni taasisa; bu’aa qorannichaa irratti hundaa’uun sirreeffama ni taasisa;
  • Sirna dhaabbileen barnoota leenjii teknikaafi ogummaa leenjii ken­nan wiirtuu kalaqqiifi oomishaa hundeeffachuun galii keessaa mad­disiisuun itti fayyadamuu danda’an ni diriirsa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa;
  • Abbootiin qabeenyaa, hawaasni, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa hojii barnoota leen­jii teknikaafi ogummaa keessatti hubannoo akka argataniifi hir­maachuu akka danda’an haala ni mijeessa; tooftaa ni qopheessa;
  • Dhaabbilee barnoota leenjii teeknikaafi ogummaa mootummaa, dhuunfaa­fi miti mootummaa ulaagaa guutan akka hundaa’an hayyama ni kenna; istaandardii eeguu isaanii ni madaala; gorsa ogummaa ni kenna; hordoffiifi to’annoo ni gaggeessa; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
  • Industiriifi dhaabbilee tajaa­jilaa qindeessuun barnootni leenjii teknikaafi ogummaa gocha irratti xiyyeeffatee akka kennamu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  • Tarsiimoo interpiraayizii maa­yikiroofi xixiqqaa hojiirra oolchuuf hojiin tajaajila ekisteenshinii industiriifi inter­piraayizii maayikiroofi xix­iqqaa abbummaan ni hojjata; gurmaa’ina kanaaf barbaachi­su sadarkaa naannootii kaasee hanga dhaabbilee barnootaa leenjii teeknikaafi ogummaatti ni qabaata;
  • Waldaalee interpiraayizii maa­yikiroofi xixiqqaatiif leenjiifi deeggarsa ogummaa dandeettii isaanii cimsu ni kenna;
  • Dandeettiin leenjistootaa akka cimu hanqina jiru addaan baa­suun leenjii ni kenna; akka kennamu qaama dhimmi ilaa­lu waliin ni hojjata; gahumsa isaanii madaaluun deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;
  • Pirojektota adda addaa barnoo­ta leenjii teknikaafi ogummaa deeggaran ni qopheessa; hojiir­ra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa.
  • Ogummaa fi beekumsa naatoo aadaafi duudhaa hawaasaa agarsiisan qoratee adda ni baasa; bifa uumama isaa eegeen waraabuun halaa sirna leenjii fi barnoota ogummaaf itti ooluun ni kurfeessa; teknolojii adda addaatiin deeggaruun akka qabamu, misoomuu fi kunuunfamu ni taasisa; faayidaa diinagdummaaf akka oolu ni hojjaata;
  • Leenjii fi ogummaan walqabatee namoota yaada yookiin kalaqa addaa qaban ni deeggara; ni leenjisa; yaadni yookiin kalaqni isaanii akka hojiirra oolu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;