Biiroo Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Oromia Job Creation and Vocational Bureau

Mudde 04, 2016 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Dhaabbata CARITAS SWITZERLAND Itoophiyaa waliin ta’uun Piroojektii gumaacha carraa hojii uumuufi qacaramuu guddisuu dargaggootaaf dubartootaan Wiirtuulee Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo piroojektichaan hammataman gidduutti sagantaa muuxannoo waljijjiirraa magaalaa Adaamaatti  gaggeessaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaan BCHUOO injiner Eebbaa Garbaa, waltajjichi wiirtuuleen kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo sagantichaan hammatamuun deeggaramaa turan hammam bu’aqabeessa akka ta’an gamaggamuun haala kamiin wiirtuulee bira hingahamiin jiran bira gahuun akka danda’amu uumuurratti kan xiyyeeffate ta’uu himaniiru.

Hojiilee carraa hojii uumuu milkeessuu keessatti wiirtuuleen kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo qooda bakka hinbu’amne qabu kan jedhan injiner Eebbaan, biirichis michooma qaamolee deeggartootaa cimsuun qaawwa WKTIT qaban guutuun gahumsaafi dhaqqabummaa isaanii daran fooyyessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus himaniiru.

Dhaabbata ‘Caritas Switzerland ENJOY’ piroojektiitti  gorsituun ol’aanaa misooma gabaa aadde  Mattaaddel Faantahuun, dhaabbatichi waggoottan sadan darbanitti dargaggootaafi dubartoota yaada biizinasii gaarii qaban deeggaruun carraa hojii akka uummatan taasisuun cinatti qaawwa wiirtuuleen kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo qaban qorannoon adda baasuun deeggaraa kan ture ta’uu himaniiru.

Sagantichaanis wiirtuuleen kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo piroojektichaan deeggaramaa turan muuxannoo isaanii kan dhiyeessan yoota’u, wiirtuuleen magaalaa Adaamaatti dhiyoo jiran immoo qabatamaan kan daawwataman ta’uun beekameera.

“BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!”

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *