Biiroo Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Oromia Job Creation and Vocational Bureau
opening cermony

Baazaariifi Egzibiishiniin Agarsiisa Kalaqawwan Teekinooloojiifi Bu’aalee Industirii Godoo Dorgommii dandeettii ogummaa, kalaqa teekinooloojii, qorannoof qo’annoofi intarpiruunarshiippii bara 2015 sadarkaa naannootti gaggeeffamu sababeeffachuun qophaa’e magaalaa Adaamaa mooraa Kolleejjii Poolii Teeknika Adaamaatti ifatti banameera.
Sirnicharrattis Hogganaan BCHUOO obbo Maatewoos Sobbooqaa, I/Aantuun Kantiibaa magaalaa Adaamaa aadde Hinseenee Mohaammad, I/G siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa obbo Laggasaa Taliilaa, I/Aantonni Hogganaa BCHUOO, I/Gaafatamtoota WCHUO godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa, diiniiwwan kolleejjota BLTO fi keessummootni garaagaraa hirmaataniiru.
Sirnicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Carraa Hoji Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Maatewoos Sobbooqaa, biirichi barnootaafi leenjii gahumsaaf qulqullina qabu kennuun hawaasa ogummaa gonfate, qorqalbii biizinasii qabu, aadaa hojii gabbifate uumuufi kalaqa teekinooloojii babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qulqullina leenjii mirkaneessuufi teeknoolojiiwwan bu’aqabeessa ta’an waraabamanii Intarpiraayizootaaf akka ce’an gochuuf dorgommiin dandeettii ogummaa, kalaqa teekinoloojii, Qorannoof qo’annoofi intarpiruunarshiippii mataduree “Dambalii Ogummaa Badhaadhina Oromiyaaf!” jedhuun marsaa 4ffaaf sadarkaa dhaabbilee leenjii irraa kaasee hanga kilaastaraatti gaggeeffamaa kan ture ta’uu yaadachiisuun, yeroo ammaa kanammoo dorgommiin kun sadarkaa naannootti dorgomtoota 433 gidduutti gaggeeffamaa jiraachuufi saganticha sababeeffachuunis simpooziyeemiin agarsiisa teekinooloojii kun qophaa’uu obbo Maatewoos himaniiru.
Agarsiisa kana irrattis teekinooloojiiwwan bu’aqabeessummaan isaanii mirkanaa’eefi gara oomishaatti galuu danda’an 184 fi bu’aaleen industirii godoo gosa adda addaa dhiyaatanii jiraachuu himuun, jiraattotni magaalaa Adaamaafi hawaasni naannoo ishee jiran baazaaricha daawwachuun akka jajjabeessaniifi irraas fayyadaman obbo Maatewoos waamicha dabarsaniiru.