Biiroo Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
Oromia Job Creation and Vocational Bureau
leenjii Hojjettoota BCHUOO

Leenjiin humna dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa cimsuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hojjettoota isaaf magaalaa Adaamaatti kennaa ture milkaa’inaan xumurameera.
Sagantaa cufiinsa leenjichaarratti argamuun kallattii hojii kan kennan Hogganaan BCHUOO obbo Maatewoos Sobbooqaa, biirichi hojjettoota aadaafi duudhaa mana hojii adda baasanii beekaniifi kabajan, akkasumas raawwii hojii isaaniin fakkeenya ta’an horachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibsuun, hojjettootni sekterichaa sadarkaan jiran tajaajila hawaasni sektericharraa argachuu qabu miira tajaajiltummaa guutuu gonfachuun tajaajiluudhaan ittiquufinsa maamilaa mirkaneessuu akka qaban kallattii kaa’aniiru.
Daarekteerri Daarektoreetii Hoggansaafi Misooma Qabeenya Namaa Biirichaa obbo Gammachiis Ifaa, leenjiin kun hojjettoota naamusa hojiif iddoo hojii beekuun kabajan, hojii isaanii jaalataniifi walii isaanii gidduutti hariiroo gaarii qabaatan horachuuf, akkasumas hojjettootni fayyummaa isaanii eeggatanii ergama mana hojichaa qixaan akka raawwatan taasisuuf hubannoo akka argatan taasisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, hojjettootnis hubannoo leenjicharraa argatan har’umarraa kaasanii hojiirra oolchaa deemuu akka qaban dhaamaniiru.