{"id":2867,"date":"2023-03-05T14:27:16","date_gmt":"2023-03-05T14:27:16","guid":{"rendered":"https:\/\/www.ojocv.gov.et\/?p=2867"},"modified":"2023-12-19T08:04:22","modified_gmt":"2023-12-19T08:04:22","slug":"naannoo-oromiyaatti-intarpiraayizootni-1021-ulaagaa-cehumsaa-guutuun-gara-guddattuu-giddugaleessaatti-cehan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ojocv.gov.et\/?p=2867","title":{"rendered":"Naannoo Oromiyaatti intarpiraayizootni 1021 ulaagaa cehumsaa guutuun gara guddattuu giddugaleessaatti cehan."},"content":{"rendered":"<p>Guraandhala 26, 2015 (Komn.BCHUOO)-Sagantaan ce&#8217;umsaafi beekamtii Intarpiraayizoota Oromiyaa bara 2015 mataduree \u2018\u2019Ce\u2019umsi Intarpiraayizootaa Badhaadhina Biyyaaf\u2019\u2019 jedhuun Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiruun intarpiraayizootni 1021 gara guddattuu giddugaleessaatti cehanii jiru.<\/p>\n<p>Sirnicharratti argamuun haasawaa kan taasisan sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan kilaastara magaalaa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuu, mootummaan naannichaa intarpiraayizootni akka milkaa&#8217;aniifi sochii diinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii akka bahatan taasisuuf paakeejiiwwan deeggarsaa firiin mirkanaa&#8217;e taasisaa jiraachuu ibsuun, cehuumsi intarpiraayizootaa har&#8217;aa kunis agarsiiftuu milkaa&#8217;ina kanaa ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa hojii jijjiiruu, aadaa qusannaa dagaagsuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi wiirtuuleen leenjii giddugala oomishaafi madda ogummaa akka ta&#8217;an gochuuf kutannoon hojjechaa jira kan jedhan obbo Masfiin, intarpiraayizootni guyyaa har&#8217;aa gara guddattuu giddugaleessaatti cehan dorgommii gabaa diinagdee isaan eeggatu mohachuuf qophii ta&#8217;uu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sagantaan ce&#8217;umsaafi beekamtii Intarpiraayizoota Oromiyaa bara 2015 mataduree \u2018\u2019Ce\u2019umsi Intarpiraayizootaa Badhaadhina Biyyaaf\u2019\u2019 jedhuun[..]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":2868,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-2867","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-oduu-news"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/posts\/2867","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=%2Fwp%2Fv2%2Fcomments&post=2867"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/posts\/2867\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=\/wp\/v2\/media\/2868"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=%2Fwp%2Fv2%2Fmedia&parent=2867"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=%2Fwp%2Fv2%2Fcategories&post=2867"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ojocv.gov.et\/index.php?rest_route=%2Fwp%2Fv2%2Ftags&post=2867"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}